شبكة إيماننا الإسلامية | الدروس و المحاضرات
   
   
 

KITAABA
HAJJI`IIFII UMRAA

duree

 Hajji`iifii umraa

Gatii hajji`iifii umra`aa
Adaba Imaltu`uu
Akkaataa hajji`iifii umraa hidhatuu
gosa hidhanna’aa 
Owwaatinsa ( attalbiya )
Waan nama hajji`iifii umraa hidhaterratti dhoowwamu
naamusa  Makka  seenu'uu
Xawaafa dhufiinsaa
Saysakha
Sa`yii
Arafaa dhaabbatuu
Arafa`arraa gara muzdalifa`aa dacha`uu
Muzdalifarraa gara mina yaa`u
Dalagaa guyyaa iida arafa`aa minatti dalagan
Mina buluu
Xawaafa dhaammanna`aa
umraa
Hajjiin ir`atuun waa afurin
Al`ihsaar ( dhoowwamuu )
Ziyaaraa masjida nabi muhammadiifii
Bid’aa bakka ziyaara’atti dhiifamuu qabdu
Waan nama madiinaa dhaqerraa barbaadamu
Dhuma kitaabaa
 

 

 

 

 

 

 

 

KITAABA
HAJJI`IIFII UMRAA

   
 

 

ÇáÃÚãÇá ÇáÊì íÞæã ÈåÇ ÇáÍÇÌ

íæã ÚíÜÜÜÜÜÜÜÜÏ ÚÑÝÜÜÜÜÜÜÉ

DALAGAA GUYYAA IIDA ARAFA’AA MINATTI DALAGAN

Dalagaan kurneessaa baatii arafa’aa {guyyaa iidaa} dalgan dalagaa afuri .

1  Boolla gara makkaa as aantu tan boolla kaarraa yookaa boolla aqaba’aa je’aniinitti,dhagaa turban Muzdalifa’arraa guuratan  darbuu.

2 Eegasii wariiga deemaniin qaluu yookaa gorra’uu .

3  Eegasii mataa haaddatuu

4 Eegasii xawaafa {ifaadga’aa}

Yookaa{ziyaaara’aa} makka dhaqanii godhuu

Dalagaa guyyaa iidaa akka dubbanne kanatti oofun yookaa dalaguun sunnaa. Waajibaa miti . takkaayuu dirqamaa miti .

Yaroon yookaa waytiin dalagaa dhagaa boolla boodatti guyyaa iidaa darban, akkasuma waytiin mataa haaddatan,akkasuma yaroon xawaafa ifaada’aa wal’akkaa halkan iidarraa seenti

Waytiin dhagaa darban tan irra caaltu , wal’akkaa halkan iidarraa qabdee, hanga aduun guyyaa iidaa seetutti

Ammoo waytiin darbuun namaaf gayu, hanga aduun afreessaa guyyaa iidaa seentutti deemti yookaa teessi.

Ammoo yaroon xawaafatiifii , mataa haaddatu’uu yookaa ciratu’uu hin dhumtu yookaa hin dabartu .                    

Duuba hoggaa { Mina }gaye ,wanni barbaadamu , du’aa’ii as deemtu tana je’uu

 { ÇáÍãÏ ááå ÇáÐì ÈáÛäíåÇ ÓÇáãÇ ãÚÇÝì  Çáåã åÐå ãäì ÞÏ ÇÊíÊåÇ æÇäÇ ÚÈÏß æÝì ÞÈÖÊß ÇÓÃáß Çä Êãä Úáì ÈãÇ ãääÊ Èå Úáì ÇæáíÇÆß .Çááåã Çäì ÇÚæÐ Èß ãä ÇáÍÑãÇä æÇáãÕíÈÉ Ýì Ïíäì íÇ ÇÑÍã   ÇáÑÇÍãíä }

{ALHGAMDU LILLAAHI ALLAZHII BALLAGHANIIHAA SAALIMAN MUKGAAFAA ALLAAHUMMAHAAZHIHII MINAA QAD ATEYTUHAA WA ANA KGABDUKA WA FII QABDGATIKAAS’ALUKA AN TAMUNNA KGALAYYA BIMAA ANANTA BIHII KGALAA AWLIYAA’IKA ALLAAHUMA INNII AKGUUZHU BIKA MINALHGIRMAANI WALMUSGIIBATI FII DIINII YAA ARHGAMARRAA HGIMIIN }.

Ma’naan isaa akkana :

{ Galanni kan Rabbii nagayaan minaan na gayyeeti.yaa Rabbi tun mina hunoo dhufee anaa gabricha keetii, anaa harka kee keessa jiru .Yaa Rabbi waan awliyoota keetii kinnite naa kennu’un si khadhadha. yaa waaqa hoongayu’uufii balaa diin kiyya tuyxurraan sitti maganfadha.yaa kan warra rahmata namaa godhu hundarra rahmata namaa godhu  rahmata naa godhii waanin si khadhe naa kenni .

Ñãì ÇáÍÌÇÑÉ Çáì ÇáÌãÑÉ åæ ÇáÚãá ÇáÃæá íæã ÇáÚíÏ

DALAGAAN DURAA GUYYAA IIDAA BOOLLATTI DHAGAA DARBUU

1 Dalagaa duraa boolla khaarratti yookaa kgaqaba’atti dhagaa torba darbatuu . boolla sanitti dhagaa darbuun guyyaa iidaa  , salaamtaa { minaati }tanaaf jecha akkuma Muzdalifa’arraa dhufaniin odoo hin hiikkanne yookaa hin qubanne dhagaa turban san boolla sanittidarbuun irra caala.yoo namaa  mijjaaye

ßíÝíÉ Ñãì ÇáÌãÇÑ

Akkaataa dhagaa darbatiinsaa

Wanni gaarin yookaa irra caalu eega aduun baatee hanga sumayyoo waraanaa takka ol fuudhamtee darbatuu.wanni gaarin hoggaa darbu dhaabbatee Makka bitaa isatti dhiisee arafaa mirga isatti dhiisee boolatti gara galee darbuu. wanni gaarin hoggaa darbu harka isaa ol fuudhuu hanga bobaan isaa mul’attutti .yoo dhiira taye dhalaan harka ol hin fuudhuu

Sunnaan hoggaa dhagaa duraa darbu talbiyaa kutuu yookaa dhaabuu bakka isi’ii {allaahu akbar } je’uu .

Odoo mataa haaddatuu, takkaa xawaafa  xawaafuu dhagaa dhagaa darbuu dura dursee. Hoggaa waan durse sanitti seenu talbiyaa dhaaba . Mataa haaddatuu yoo dhagaa darbuu dura durse , hoggaa haaduu jalqabu talbiyaa dhaaba.yoo xawaafa durse ,hoggaa xawaafa jalqabu talbiyaa dhaaba .

Wanni gaarin isaa waa yaabbatu dhagaa boollatti darbuu yoo mijjaaye .   

Dhagaan darban torba tayuun dirqi’i . waanuma dhagaa je’amu darbuu. Odoo darbuu baatee,harkaan dhagaa san boolla keessa kaayee isaaf hin lakkaawamuuf. Ammas dhagaa san boollatti darbuu yaaduu , takkaa niyyatuu. Odoo dhagaa samii keessa ol darbee , dhagaan sun boolla san keessa bu’ee , kan inni keessa buusuu hin niyyatin takkaa hin yaadin isaaf hin hisaabamu yookaa hin lakkaawamu .dhagaan eega boolla keessa bu’ee , keessaa konkololaatun dhagaa goobo’oon yookaa wacaafa’aan boollatti darbuun hin gayu .akkasuma miilan dhiitanii seensisuun hin gayu odoo dhagaan inni boollatti darbe boolla keessa bu’emoo , hin buunee shakee ,takkaa mamee isaaf hin lakkaawamu .dhagaa darban torbanuu adda addaan darbuu .odoo walitti qabee bakka takkaa darbee dhagaa tokko malee isaaf hin lakkaawamu dhagaan darban xaahira tayuun ni jaalatama . hokkaa taan ni jibbama

Dhagaa darbu hunda wajjiin takbiiraa je’uun ni barbaadama wanni gaarin hunoo akkana je’uu .   

 { Çááå Ç ßÈÑ Çááå Ç ßÈÑ Çááå Ç ßÈÑßÈíÑÇ  æÇáÍãÏ ááå ßËíÑÇ æÓÈÍÇä Çááå ÈßÑÉ æÇÕíáÇ  áÇ Çáå ÇáÇ Çááå æÍÏå áÇÔÑíß áå . áå Çáãáß æáå ÇáÍãÏ íÍíì æíãíÊ æåæ Úáì ßá ÔÆ  ÞÏíÑ .áÇ Çáå ÇáÇ Çááå æáÇäÚÈÏ ÇáÇ ÅíÇå ãÎáÕíä áå ÇáÏíä æáæ ßÑå ÇáßÇÝÑæä  áÇ Çáå ÇáÇ Çááå æÍÏå ÕÏÞ æÚÏå æäÕÑ ÚÈÏå æÇÚÒ ÌäÏå æåÒã ÇáÃÍÒÇÈ æÍÏå áÇÇáå ÇáÇÇááå æÇááå ÇßÈÑ }

{Allaahu akbar allaahu akbar allaahu akbar  kabiraa walhgamdu lillaahi kathiiraa wa subhgaanallaahi bukratan wa asgiilaa laa`ilaaha illallaahu wahgdahuu laa shariika lahuu lulmulku wa lahulhamdu yuhgyii wa yumiitu wa huwa kgalaa kulli shey’in qadiir .laa ilaaha illallaahu  walaa nakgbudu illaa iyyaahu muchlisgiina lahuddiina ,walaw karihalkaafiruun. laa ilaaha illallaahu wahgdahuu sgadaqa wakgdahuu Wa nasgara kgabdahuu wa akgazza jundahuu. wa hazmal’ahgzaaba wahgdahuu laa ilaaha illallaahu wallaahu akbar}

Ma’naan isaa akkana :

Rabbiin guddina guddaa guddate, faarun hedduun yookaa marti ta isaati.haala hundatti rabbiin waan isaan hin mallerraa qulqullaaye.Rabbii tokkicha mootii faarfamaa malee Rabbiin biraa hin jiru .Rabbii jiraachisu kan jiraachisu. Kan waa hunda dandayu . nuti Rabbii tokkicha malee waan biraa hin gabbarru diin keenya isaaf qulqulleessinee .Rabbiin tokkichi sun isa baallama nabiif guutee gabricha isaa  Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu gargaaree kophaa isaa xilaata isaa cabse Rabbiin isa malee Rabbiin biraa hin jirre waa guddate.

ÍßÜã ãÜä ÚÜÌÜÒ ÚÜä Ñãì ÇáÍÌÜÑ ÈÜäÜÝÜÓÜÜÜÜÜÜÜÜÜå

Dubbii  nama  lubbuu ifiitin dhagaa darbuu dadhabee

Namni lubbuu isaatin boollatti dhagaa darbatuu dadhabe ,dhukkubsatee yookaa hidhamee nama isaaf darbu ifirraa bakka dhaabbata nama ifirraa bakka dhaabbatuun yoo odoo waytiin dhagaa darban hin bayin dhibdiin sun narraa hin deemtuu beekhe.

 Ammoo yoo narraa deemtii beekhe, ifirraa bakkan dhaabbatuu, dhibdiin  irraa deemuu  eega.wanni san beekhaniin karaa nama ogommaa dhibdii sanii qabuutini.duuba yoo dhibdiin odoo guyyaan sadeen iida booda hin bayin irraa deemte ifumaaf  darbata

   Namni namarraa darbuun gayuun yoo lubbuu ifirraa kan darbe taye .waan guyyaa san darban hunda.akkana jechuun boolla sadeenittuu ifirraa darbee eegasii deebi’ee nama isa wakkalaterra darba qawlin takka yoo boolla takkatti ifirraa darbee eegasii namarra darbe , ni gaya jetti

Ammoo yoo odoo ifirraa hin darbin namarraa darbe kan isaa tayeeti argama.. Nama gaggabee dhagaa darbuu dadhaberraa darbuun hin gayu odoo nama wakkalatee namni sun irraa darbee, duuba nama dadhabe sanirraa wanni isa dadhabsiisee darbuu dhoowwe sun irraa deemte dhagaa namni isarraa darbe san deebisuun dirqi’ii mitihaa tayuu deebisuun irra caala  

ÇáÚãá ÇáËÇäì íæã ÚíÏ ÚÑÝÉ Ýì ãäì  ÇáÐÈÍ

DALAGAAN MINATTI DALAGAN  TA LAMMEYSU’UU

Namni hajji’iif yookaa umra’aaf makkatti deemu  waan makkatti qalu ifiin wajji oofu’uutu barbaadama. Gaalafii loonifii re’erraa waan dandayu.wariiga ifiin wajji oofan bakka hajji yookaa umraa irra hidhatanitti asxaa inni wareega tayu’uu itti godhu’uutu gaarii haada faa mormatti hidhanii wareega san minatti gorra’uutu gaarii. lafa minarraa bakkuma isaaf mijjooytetti. Haa tayuu bakka nabi Muhammad nageenyi isarratti haa jiraatuu itti qaletti gorra’uutu gaari’i. sun dachii qiblaa masjidulkheyfii jirtuu. bakka hoggaa gara arafa’aa deeman gara bita’atti haftu . wanni qalan yoo waajiba taye,namichi qale irraa nyaatuu hin qabu ammoo yoo sunnaa taate nyaatuu ni qaba .waan akka tiru’uu faa. Wariiga deemaniin qaluun eega dhagaa darbatu’urraa raaw’atanii, odoo waan biraa hin dalayne tayu’uutu gaarii .

ÇáÚãá ÇáËÇáË  íæã ÚíÏ ÚÑÝÉ ÇáÍáÞ Çæ ÇáÊÞÕíÑ

Dalagaa guyyaa iidaa dalaganirraa kan sadeessu’oo mataa haaddatuu yookaa  ciratuu

Hoggaa dhagaa darbatu’urraa guyyaa iidaa raaw’atee wareega yookaa udhiyaa qale , dalagaan itti aantu mataa haaddatuu .

Duuba yoo dhiira taye mataa hunda haaddatu’uutu irra caala . nabiin nama haaddateef hoggaa hedduu du’aa’ii godhee yoo mataa haaddatuu hin  fedhin ni cirata hunda takkaa garii. Rifeensa sadii haadun yookaa ciruun dirqama yoo ciru’urratti gabaabbate wanni gaarin rifeensa hunarraa hanga mataa qubbeenii ciruu.

Ammoo dhalaan haaddatu’urra ciratutuu isiidhaf irra caala. .

Hoggaa mataa haaddatu qibla’atti gara galuu 

Allaahu akbar je’uu . hoggaa haaddatu gama mirgaatin jalqabuu.rifeensa isaa awwaaluu .

Mataa haaddatuun dhaaba yookaa ruknii hajji’iiti .isaan malee hajjiin hin guutamtu. Hanga mataa haaddatuu hajjiin irraan buutu. hin hiikkamtu jechuu . namni rifeensa hin qabne haaduu mata’arra o’oofa .

ÇáÚãá ÇáÑÇÈÚ íæã ÚíÏ ÚÑÝÉ  ØæÇÝ ÇáÅÝÇÖÜÜÉ

Dalagan guyyaa iidaa dalagan  ta afreessa’aa  xawaafa ifaada’aati .

Eega guyyaa iidaa minatti dhagaa darbatee , yoo qabaate waa qalee, haaddatee guyyuma iidaa kana makkatti qajeelee , makka dhufee, xawaafa ifaadga’aa yookaa ziyaara’aa xawaafa 

Xawaafni ifaadga’aa yookaa xawaafni ziyaara’aa ruknii hajji’iitii hajjiin isaan malee hin guutamtu. Namni isa hin dalagin  hajjii keessa jira. akkaatan xawaafa ziyaara’aa akkuma xawaafa tanaan dura dabarsineetii , hajarul’aswadiin jalqabeeti , hajarul’aswaditti fixee akkasitti haggaa torba guuta .waan je’amu je’aadhaa waan dalagamu dalagaadhaa. Duuba eega irraa raaw’atee , raka’aa lama saaatee , yoo kan xawaafa quduumaa yookaa dhufiinsaa booda kan sa’yii godhe taye , safaafii marwa jidduu hoggaa  torba deddeebi’e taye sa’yii san hin deebisu.Ammoo yoo kan hin dalagin taye, xawaafa kana booda sa’yii godha .sa’yiin ruknii hajjiidhatii.waan isii hin fidiniin hajjiin hin guutamtuu namichi hajji’irraa hin bayu hajjuma keessa jira   .

ÇæÞÇÊ ÇÚãÇá íæã ÚíÏ ÚÑÝÉ

WAYTII DALAGAA GUYYAA IIDA ARAFA’AA

 Dalagaan guyyaa iidaa dalagamtu afuri :

dhagaa darbuu .

waa qaluu .

mataa haaddatuu yookaa ciratuu .

xawaafa ifaada’aa godhuu .

akkaatan itti afran kana dalagan, ka irra caalu

** dura  dhagaa darbatuu eega aduun baatee.

**eegasii  waa qaluu .

**eegasii haaddatuu .

**eegasii xawaafuu .

Waytiin dhagaa darbu’uutifii ,haaddatu’uufii xawaafu’uu ,wal’akkaa halkan iidarraa seenti .

Ammoo waytiin waa qalu’uu , ta udhiya’aa eega aduun guyyaa iidaa baatee, hangi raka’aa lamaa dabree seenti .

Waytiin boolla duratti guyyaa iidaa dhagaa darbu’uu sadii : takka waytii isii keessa boola sanitti darbuun irra caalu  .sun baya adu’urraa hanga zuhri’itti . takka waytii isii keessa darbuun maraxamu yookaa filatamu. Sun zuhri’irraa hanga aduun guyyaa iidaa seentutti .takka waytii isii keessa darbuun gayu . sun hanga guyyaan sadeen iida boodaa dhumutti

Ammoo waytiin waan qalanii, udhiya’aafii wareega sunna’aa yoo taye eega aduun guyyaa iidaa baatee yaroon salaata raka’aa lamaafii khuxbaa lamaaf bal’attu dabru’uun seentii guyyaan sadeen iida boodaa dabru’uun dabarti.san booda wareegafii udhiyaa amata kana godhuun isa dabarte  

Yoommoo wareega waajibaa yookaa udhiyaa waajibaa ta ifirratti wajjabsiise taate isii qaluun dirqamaa waytiin dabarte je’ee hin dhiisuu . 

Ammoo waytiin mataa haaddatu’uutifii xawaafa ifaada’aa wal’akkaa halkan iidarraa seentii, ammoo dhuma hin qabdu. Waytuma fedhe haaddatuu ni qaba odoo bara meeqaatamuu taa’ee , waytiin isaan lamaanii hin dabartuu .

ÇáÊÍáá ãä ÇáÍÌ

Hajji`irraa hiikkatuu

 

Hajjiin hiikkaa lama qabdi kan hiikkaa duraatifii hiikkaa booda je`amu

1  Hiikkannaan duraa, dalagaa hajji`ii sadeen , siif dubbadhurraa , waa lama dalagu`uun argama dalagaan hajji`ii sadeen sun boolatti dhagaa darbuu , haaddatuu xawaafa ziyaara`aa xawaafuu duuba sadeen kanarraa yoo waa lama dalage, haaddatee ,dhagaa darbate ,takkaa haaddatee xawaafe ,takkaa dhagaa darbee xawaafe hiikkannaan hajji`ii ta duraa isaaf argamte hiikkannaa duraa tanaan wanni hajjii hidhannaan , isarratti haraamaye, yookaa irraa dhowwame , marti isaaf halaal godhamtee, waan san hunda dalaguu ni qaba waan takka malee sun waan dhala`atti rarra`uu kan akka itti ida`amu`uu itti maxxanu`nu nikaaha hidhu`uu takkaa hidhatu`uu kun hundinuu isarratti dhowwamaa dalaguu hin qabu ammoo huccuu hodhamte uffatuun waan urgaayaa godhatuun waa al`oolun faan isaaf halaalii dalaguu qaba .

2 – Hiikkannaan lammeeysa`aa dalagaa hajji`ii sadeen dubbane hunda dalagu`uun argama yoo dhagaa darbatee mataa haaddatee xawaafa ziyaara`aa xawaafe hiikkannaan hajji`ii tan lammeysa`aa argamtee , wanni sababaa hajjii hidhatu`uutin , irratti haraamaye,yookaa irraa dhoowwame , marti isaaf halaal godhamtee dalaguu qaba waan dalagaa hajji`ii gurguddo`orraa bayeef .

 

 

 

 

 

 

 

 

 

kh_rashad2004@hotmail.com